header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Walitti Bu’iinsa Loltoota WBO fi Waraana Mootummaa jiddutti uumameen lubbuun nama 8 galaafatame

Godina Wallaggaa Lixaa keessatti Makkalaakayaa fi hidhattoota Adda Bilisummaa Oromoo jiddutti walitti bu’iinsa uumameen, lubbuun namoota hedduu kan bade tahuu maddeen gabaasan. Guyyaa kaleessaa  Aanaa Beegii ganda Gabaa Khamiisa fi ganda Laaloo jedhamutti lolli cimaan akka ture odeeyfannoon naannicha irra arganne ni mul’isa. Waraanni mootummaa Ooraalii 20 ol tahu guyyoota dabran keessa gara magaalaa Beegii kan seene tahuunis beekameera. Namni naannichaa irraa dubbifne akka nuuf himetti,  guyyaa kaleessaa aanicha keessatti dubartii takka dabalatee namoonni 8 ajjeefamanii jiru.

 

 

Jiraataan naannichaa kun akka jedhutti, sababni walitti bu’iinsa kanaa mootummaan loltoota WBO hidhannoo hiikkachuusaadhaaf yaalii godhaa jiru hordofuun waldhabdee uumameen akka tahe nuuf ibse. Waraanni Makkalaakayaa kaampiilee WBO aanichaa keessa jiran irratti haleellaa cimaa kan raawwataa jiru akka tahee, loltoonni ABOtis waraana makkalaakayaa irratti miidhaa cimaa kan dhaqqabsiisan tahuun gabaafamee jira.

 

Walitti bu’iinsa kana hordofuun  Godina wallaggaa Lixaa aanaalee heddu keessatti yeroo amma daandiileen kan cufaman tahuunis beekamee jira.

 

 

Odeeyfannoo kana mirkaneeffatuuf qondaaltota aanichaa keessaa nama tokko bilbilaan kan dubbisne yoo tahu, namni eenyuuman isaa akka ibsamu hin barbaadne kun, rakkoon nageenyaa cimaan aanicha keessa jiraatuu fi walitti bu’iinsa uumameen lubbuun namaa dabruu nuuf mirkaneesse. Dabalataanis hanga ammatti rakkoo loltoota mootummaa fi WBO jidduu jiru furuuf gama bulchiinsa Godinaa fi naannoo irraa tarkaanfiin kan hin fudhatamin tahuu nuuf mirkaneesse.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button