header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahe 131 gahe

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa har’a baaseen, sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabratoorii 1408 geggeesseen, nama tokko irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vayirasichaan qabamuu mirkanaayee 131 gahee jira.

Dubartiin gannaa 45 vayirasichi irratti argame jiraattuu magaalaa Bahir Daar yoo taatu, nama kanaan dura vayirasichaan qabame waliin walitti dhufeenya kan qabdu tahuus gabaasni ministeera fayyaa ni mul’isa. Haaluma walfakkaatuun guyyaa kaleessaa qorannoo laabraatorii samuudaa 766 irratti geggeeffameen, dubartoota 3 Puntlaand irraa gara Jigjigaa deebi’anii fi dargaggeessa umri 23 jiraataa Godina Harargee Lixaa aanaa Gubbaa qorichaa tokko irratti vayirasichi argamuu gabaafamee ture.

Itoophiyaan lakkoofsa namoota qorattuu guyyaa guyyaan dabalaa kan jirtu yoo ta’u, kan har’aa kun isa guddaadha. Walumaa galatti hanga guyyaa har’aatti qorannoon labraatorii 17,842 kan gaggeeffame tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Gama biraatiin ammoo lakkoofsi namoota vayirasicha irraa bayyanataniitis 59 gahuu ibsame.

April covid repo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button