header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Barattoonni gara Yunivarsitii deemuun dura waliigaltee kan mallatteessan tahuu ibsame

Barattoonni haarawni bara kana Yunivarsitii seenanii fi buleeyyiin, gara Yunivarsitii deemuu dura Waajjira barnootaa aanaalee isaaniitti argamutti unka walii galtee qophaa’e, maatii isaanii waliin guuttuun eega irratti mallatteessanii fi chaappaan dhahame booda, kan qabatanii gara Yunivarsitiitti deeman tahuu Ministeerri saayinsii fi barnoota olaanoo beeksise.

Ministeerri saayinsii fi barnoota olaanoo waliigalteen barattoota fi maatiin barattoota mallatteessan kun barattoonni jeequmsa akka hin kaasne fi tasgabbiin akka barataan kan godhu tahu ibse.

Barattoonni buleeyyii fi haraawni bara kana Yunivarsitii seenan unka kana yoo harkaatti hin qabatin kan hin keesumeefamne tahus ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button