header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Donald Tramp Yaalii fonqolchaa Prezdaantii Venezweelaa irratti rawwatame keessaa harka kan hin qabne tahuu beeksise

Mootummaan Venezweelaa jalqaba torbee kanaa, loltoota Ameerikaa lama dabalatee hidhattoota 31 prezdaantii biyyattii angoo irraa fonqolchuuf, galaanaa irraan gara biyyattii seenaa turan to’annaa jala oolchuu beeksise. Venezewlaan fonqolcha fashalaaye kana mootummaan Ameerikaa mormitoota biyyattii waliin kan qindeesse tahuu ibsuun, Viidiyoo fi Paaspoortii loltoota Ameerikaa lama kanneen yaalii fonqolchaa kana irratti hirmaatanii mul’isu eega ifoomsee booda, Ameerikaan dhimmicha keessaa harka kan hin qabne tahuu beeksiste.

Prezdaant Traamp Televizhiina Fox News jedhmuuf akka himetti “Nuti karoora mootummaa Venezweelaa fonqolchuu osoo qabaanne, dhufaa jirra jennee itti himnee waraana ergina malee dhoksaan duula dadhabaa akkanaa hin raawwannu; yaaliin kun garee mootummaan ala taheen kan qindaahe tahuu mala; akka mootummaatti garuu quba hin qabnu”jedhe.

Haata’u malee Yaada Traamp kana dursuun waraanni Ameerikaa ibsa baaseen, loltoonni lamaan yaalii fonqolchaa kana irratti hirmaatan jedhaman, kanaan dura miseensa waraana Ameerikaa gara Iiraaq bobba’ee keessa kan turan tahuu beeksise.

Gaazexaan Washington Post guyyaa kaleessaa Prezdaant Maaduroo fonqolchuuf, Sanadii walii galtee fuula 40 qabu, kan miseensonni Paartii mormitootaa dhaabbata tika dhuunfaa Ameerikaa keessatti argamu wliin mallatteessan ifa baasee jira. Akka gabaasa kanaatti lammiileen Venezweelaa miseensa Paartii mormituu tahan lama, dhaabbata tikaa Ameerikaa Kutaa Florida keessatti argamu kan Silvercorp jedhamu waliin duula kana qindeessuuf, doolaara miiliyoona 213 kafaluuf walii galtee mallatteessan. Gabaasa Washington Post kana booda dhaabbanni Silvercorp yaalii fonqolchaa kana qindeessuu amanee jira.

Kanuma hordofuun mootummaa Venezweelaa hogganaa dhaabbata Silvercorp fi miseensota mormitootaa lamaan, Ameerikaan dabarsitee akka kennituuf kan gaafate yoo tahu, guyyaa kaleessaa ammoo Abbaan Alangaa mootummaa Venezweelaa Xariq Sa’aab akka beeksisetti, loltoota Ameerikaa lamaan qabaman irratti himannaan Shororkeessummaa banamuufi, akkasumas lammiilee biyyattii yaalii fonqolchaa kana irratti hirmaatan ammoo yakka biyya ganuutiin himatuu ibse.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button