header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Lammileen Afgaanistaan Prezdaantii biyyattii filachuuf sagalee kennuu jalqaban

Lammiileen Afgaanistaan Prezdaantii waggaa afran dhufaniinf biyyattii hogganu filachuudhaaf sabtii har’aa sagalee kennuu kan jalqaban yoo tahu, prezdaantii yeroo ammaa aangoo irra jiru Ashiraf Ghanii dabalatee kadhimamtoonni 14 dorgommiif kan dhihaatan tahuun beekamee jira. Haaluma kanaan kadhimamtoota dhihaatan jidduu hogganaa ol’aanaa mootummaa biyyattii Abdullaah Abdullaah morkataa cimaa Prezdaan Ashiraf Ghaanii akka tahes odeeyfannoon  ni addeessa.

 

Abdullaah Abdullaah fi Ashiraf Ghaanii filannoo bara 2014 geggeeffame irrattis wal dorgamanii kan turan yoo tahu, filannicha booda bu’aa filannoo irratti wal dhabbii uumame hordofuun aangoo mootummaa biyyattii kan addaan qoodaman tahuun ni beekama.

 

Filannoon bara kanaa marii araaraa Ameerikaa fi  Xaalibaan geggeessaa turan waliin wal qabatee guyyaan filannoo kunyeroo lama jijjiiramee ture. Amma ammoo marii Xaalibaanii fi Ameerikaa  baatii dabre keessa  fashalaahe hordofuun filannichi geggeeffamaa jira.

 

Gareen Xaalibaan buufataalee filannoo irratti haleellaa raawwachuuf dhaadatuu isaatiin, loltoonni kuma 74 guutuu biyyattii keessatti bobba’uun buufataalee sagaleen itti kennamu kan too’ataa jiran tahuus gabaafame. Filannoo Afgaanistaan kana irratti ummata biyyattii miiliyoona 34 tahu jidduu miliyoonni 9.6 sagalee kennatuudhaaf  kan galmaahe tahuus odeeyfannoon arganne ni mul’isa.

 

Comment

Back to top button