header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Adaamaa iddoo Migiraa jedhamutti haroon bishaanii dhoohuun miidhaa geessise

Haroon kun karoora qurxummii itti horsiisuu fi hojii misoomaatiif akka ooluuf mootummaa dhaan qotame, akkasumas balfi bishaanii magaalaa Adaamaa iddoo gara garaa irraa dhufus kan itti kuufamaa ture yoo tahu, halkan kaleessaa naannawa sa’aa 9:00 tti cabee miidhaa cimaa kan geessise tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Miidhaa gahe kanaan abbootiin warraa 5000 ol tahan manneen isaanii irraa jiguu, meeshaan manaa hundi bishaan kanaan liqimfamuu akkasuma qabeenyi hedduun barbaada’uun rakkoo hamaaf saaxilamuu himan.

Namoonni miidhaan irra gahe kunniin qaamni dhimmi ilaallatu hatattamaan akka furmaata ka’uu fi ummannilleen rakkoo isaanii tana arganii akka birmatu gaafatan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button