header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Gareen hidhattoota Somaaliyaa loltoota Xaaliyaan fi buufata waraana Ameerikaa Somaaliyaa keessatti argamu haleeluu gabaafame

Hidhattoonni Somaaliyaa wixata har’aa buufata waraana Ameerikaa magaalaa Baledogle jedhamtu keessatti argamuu fi loltoota Xaaliyaan magaalaa Maqdishoo keessatti bobba’an irratti haleellaa kan raawwatan tahuun beekamee jira. Hidhattoonni ganama kana buufata humna addaa Ameerikaatiin hoogganamu,  kan magaalaa Maqdishoo irraa gara dhihaatti Kilomeetra 100 fagaatee argamu boombiin eega haleelanii booda, dhukaasa bananiin loltoonni heddu kan madaayan tahuu Royters gabaase.

 

Haaluma wal fakkaatuun loltoota Xaaliyaa magaalaa Maqdishoo keessa konkolaataan socho’aa turan irrattis haleellaan boombii kan raawwatame tahuu, Ministeerri Ittisaa Xaaliyaan beeksise. Haleellaa kanaan miidhaa dhaqqabe ilaalchisee hanga ammaatti wanti ibsame hin jiru.

 

 

3 Comments

  1. saganttaanteyssan haalaanbareedduudha
    ittijabaadhaa rabbii isinwaliinhaajiraatuu
    achumaanuu
    saahibakheyssanjabaa Akkanagodhattaniinbarbaada
    waaniin isinwajji jiraachuujaaladhuuf
    galatoomaa

  2. saganttaanteyssan haalaanbareedduudha
    ittijabaadhaa rabbi isinwaliinhaajiraatuu
    achumaanuu
    saahibakheyssanjabaa Akkanagodhattaniinbarbaada
    waaniin isinwajji jiraachuujaaladhuuf
    galatoomaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button