header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Manni Murtii Idil Addunyaa-ICJ’n duguuggaa sanyii Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame ilaaluu kan jalqabu tahuu beeksise

Manni Murtii Idil Addunyaa International Court of Justice (ICJ) jedhamu, duguuggaa sanyii Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame ilaalchisee, himannaa yakkaa Gaambiyaan mootummaa Miyanmaar irratti bante ilaaluu kan jalqabu tahuu beeksise. Haaluma kanaan manni murtichaa himannaa kana December 10-12/2019tti dhageefachuuf kan beellame yoo tahu, mootummaa Miyanmaarifis xalayaan waamichaa kan ergame tahuun beekamee jira.

Kanuma hordofuun Jilli Mootummaa Miyanmaar Aang San Suchiitiin hogganamu gara The Hague kan imalu tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Manni Murtii Haqa Idil Addunyaa ICJ’n dhimmoota biyyoota lama jiddutti ka’an kan ilaalu yoo tahu, biyyiti Lixa Afrikaa Gaambiyaan Gamtaa Biyyoota Islaamaa 57 bakka bu’uun torbaan tokko dura himannaa kana kan bante tahuu ibsame. Ogeeyyonni seeraa mootummaa Gaambiyaa himannaa dhiheessaniin, Mootummaan Miyanmaar karooraa fi haala qindaaween muslimoota Rohingiyaa irratti bara 2017 irraa eegalee yakka duguuggaa sanyii raawwataa jiraachuu ibsuun, manni murtichaa mootummaa Miyanmaar gocha kana irraa akka dhaabsisu gaafatan.

 

Haaluma wal fakkaatuun Manni Murtii Yakka Idil Addunyaa ICC jedhamu kan achuma Netherlands magaalaa The Hague ‘tti argamu, qondaaltota mootummaa Miyanmaar duguuggaa sanyii muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame keessaa harka qaban irratti himannaa banuuf, kan qophaayaa jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Muslimoota Rohingiyaa ajjeechaa fi dararaa hamaa mootummaan Miyanmaar isaan irratti raawwataa ture jalaa lubbuun hafan jidduu, ummanni 700,000 ol gara biyyoota ollaatti kan baqate tahuu UN dabalatee dhaabbileen mirga namoomaa gabaasaa turuun ni yaadatama.

Rohingiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button