header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Turkiyaan naannawa kaaba Suuriyaa finciltooni Kurdi too’atan keessatti duula jalqabuu beeksiste

Prezdaan Rajab Xayyib Erdogaan, Turkiyaan finciltoota Kurdi kanneen daangaa Suuriyaa fi Turkiyaa keessa maandheffatan irratti, lafoo fi qilleensa irraan  duula waraanaa kan jalqabde tahuu beeksise. Prezdaant Erdogan Fuula Twitter isaa irratti  “waraanni Turkiyaa hidhattoota Suuriyaa waraana biyyoolessaa (FSA) jedhaman waliin tahuun, finciltoota Kurdi daangaa biyyoota lamaanii keessa maandheffatan irratti duula bal’aa tahe jalqabee jira”jedhe. Erdogan itti dabaluudhaan, “kaayyoon duula kanaa daangaa Kibba biyya keennaa gareewwan shororkeessitootaa irraa qulqulleessuun, naannichatti nageenyi akka bu’u godhuufi”jedhe.

 

Haaluma wal fakkaatuun Finciltoonni Suuriyaa “Free Syrian Army”jedhaman, loltoonni isaanii 18,000 tahan waraana Turkiyaa cinaa hiriiruun, duula kana irratti kan hirmaataa jiran tahuu mirkaneessan.

 

Gama biraatiin ammoo gareen Finciltoota Kurdi-SDK jedhamu ibsa baaseen, waraanni Turkiyaa qilleensa irraan haleellaa jalqabuu mirkaneessee jira. Dubbi himaan garee kanaa Musxafaa Bali haaluma wal fakkaatuun Twitter isaa irratti “Xiyyaaronni Waraana Turkiyaa naannawa Siviilotaa irratti haleellaa jalqabanii jiru. Ummanni naannichaa soda guddaa keessa galee jira”jedhe.

 

Gareen Finciltoota Kurdi kun kanaan dura Ameerikaan kan deeggaramaa ture yoo tahu, bulchiinsi Traamp ibsa kaleessa baaseen kana booda garee kana kan hin deeggarre tahuu ibse. Haaluma kanaan Ameerikaan loltoota isii naannawa kaaba Suuriyaa keessaa kan baasaa jirtu tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

 

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button