header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Muummichi ministeera Paakistaan, Iiraan fi Sa’uudii jiddutti marii jalqabsiisuuf sochii jalqabe

Muummichi ministeera Paakistaan Imraan Khan har’a gara Iiraan kan imale yoo tahu, wal dhabbii Sa’uudii fi Iiraan jiddutti hammaataa dhufe furuuf,  biyyoota lamaan jiddutti haala mariin  itti jalqabamu irratti Prezdaant Hasan Ruhaanii waliin Tehraan keessatti kan mari’atan tahuun beekamee jira.

 

Imraan Khan prezdaant Ruhaanii waliin eega mari’atee booda miidiyaaleef ibsa kenneen, Sa’uudii fi Iiraan jiddutti walitti bu’iinsi akka uumamu kan hin barbaadne tahuu ibsuun, “rakkoon biyyoota lamaan jidduu jiru salphaa akka hin tahin ni hubanna; tahus wal dhabbiin kamiyyuu mariidhaan ni furama amantaa jedhu qabna; haata’u malee Iiraan fi Sa’uudii jiddutti lolli akka uumamu gonkuma hin barbaadnu”jedhe.

 

Muummichi ministeera Paakistaan akka jedhetti,  mariin har’a Prezdaantii Iiraan waliin godhe kan isa jajjabeesse tahuu ibsuun, marii wal fakkaatuuf Kiibxata dhuftu gara Riyaad kan imalu tahuu beeksise.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button