header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
BreakingOdeeyfannoo Biyyaa

Hiriira Godinaalee Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiruun hanga ammatti lubbuun dargaggoota 6 galaafatamuu gabaafame

Hiriirri Oromiyaa keessatti ganama arraa jalqabe akkuma itti fufe jira. Kanuma hordofuun tarkaanfii waraanni mootummaa hirmaattota hiriira kanaa irratti fudhataniin hanga ammatti lubbuun dargaggoota 6 galaafatamuu fi magaaloota gara garaatti dargaggoonni hedduun midhamanii jiru.

Magaaloota hanga ammatti dargaggoonni itti ajjeeffaman jidduu Magaalaa Adaamaa nama 2, Magaalaa Amboo nama 1, Magaalaa Harar irraa dargaggoonni 3 ajjeefamuu odeeyfannoon ni addeessa.

#Mormii_Ummataa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button