header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Lammiileen Oromoo Naannoo Somaalee irraa buqqifamanii magaalaa Baroodaa qubsiifaman rakkoo hamaa keessa jiraatuu himan

Dhalattoonni Oromoo kun bara darbe ji’a fulbaanaa keessa waraana Liyyuu poolisii naannoo Somaaleetiin, magaalaa Jigjigaa fi Wucaalee keessaa qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamanii naannoo Oromiyaa Aanaa Gooroo Guutuu magaalaa Baroodaa qubatan.  Buqqifamtoonni lakkoofsi isaanii 200 ol tahan kunniin rakkoo nyaataa, fayyaa fi uffataa hamaa  keessa jiraatuu nuuf himan.

 

Akka namni achii dubbisne nuf himeetti:

“Duraan dhaabbilee dhuunfaa fi dargaggoota naannichaatiin deeggarsi nuu godhamaa ture, haa ta’u malee deeggarsi duraan nuuf godhamaa ture wanta nurraa dhaabbateef,  beelaa fi daa’imman dhukkubaaf saaxilamanii jir. Akkasumas uffataa fi firaasha waan hin qabneef simintoo gubbaa ciisna, walumaa galatti rakkoo hamaa keessa jirra” jedhe.

 

Akkasumas buqqifamtoonni kun gara Bulchiinsa Aanaatis iyyannoo kan dhiheeffatan tahus, buulchinsi aanichaa  kuusaa keessaa midhaan  hin qabnu deebisaa jedhu kan kenneef tahuu nuu himan.

 

Weerara liyyuu poolisiin nannoo Somaalee daangaa Oromiyaa irratti raawwataa ture hordofuun, lammiileen Oromoo miliyoona tokko ol qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamanii iddoo adda addaatti qubsiifamuun isaanii ni yaadatama.

 

Dhaabni IDMC jedhamu gabaasa dhiheenya kana baase irratti, lakkoofsi lammiilee Ityoophiyaa sababa walitti bu’iinsaa fi balaa uumamaatiin qe’ee fi qabeenya isaanii irra buqqifamanii guddaa tahuu ibse. Akka gabaasa kanaatti, biyyoota Afrikaa 6 kan lakkoofsa buqqifamtootaa guddaa qaban  jidduu Ityoophiyaan sadarkaa duraa irra jirti.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button