header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ramaddiin barattoota dhaabbilee barnoota ol’aanoo bara 2012 ifa tahe

Ejansiin Madaallii Barnootaa fi Qormaata Biyyoolessaa ibsa baaseen, barattoonni bara kana qabxii seensa dhaabbilee barnoota ol’aanoo argatan hundi, ramaddii isaanii toora websaayitii  www.neaea.gov.et seenuun laallachuu ni danda’u jedhe

 

Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Ol’aanoo qabxii seensa dhaabbilee barnoota ol’aanoo ji’a dabre keessa kan ibse yoo tahu, qabxiin seensa Yunivaristiiwwanii bara kana gosa barnootaa Afaan Ingilizii, Herreega, Iskoolastiiks Aptiitiyuudii, Fiiziksii fi Ji’oograafii qofa irratti kan hundaaye ta’uu ibsuun ni yaadatama.

 

 

Ministeerichi akka ibsetti Qabxii qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ifa taheen, bara kana barattoonni 142,821 dhaabbilee barnoota o’laanoo mootummatti ramadamanii jiru. Haaluma kanaan Dardarran 46,416 fi shamarran 32,865 walumaa galatti barattoonni 79,281(%55.5) saayinsii uumamaatiin,  akkasumas dardarran 34,838 fi shamarran 28,702 walumaa galatti barattoonni 63,540 (%44.5) saayinsii hawaasummaatin yunvarsiitiiwwan mootummaatti kan ramadaman tahuu ibsame.

 

Bara 2011tti barattoota 322,717 qormaata kutaa 12ffaa fudhachuuf galmaa’anii turan keessaa 319,264 qormaaticha kan fudhatan tahuus ibsichi ni addeessa.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button