header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Konfiransiin araaraa fi nageenyaa godina Baalee Magaalaa Roobeetti geggeeffame

Hiriira nagayaa torbee dabre geggeeffame hordofuun, humnoonni gurmaayan magaalota Oromiyaa tokko tokko keessatti hiriiricha gara jeequmsaatti jijjiiruuf yaaluun isaanii ni yaadatama. Magaalota walitti bu’iinsi keessatti uumame jidduu takka Magaalaa Roobee yoo taatu, hawaasni magaalaa Roobee fi naannawa isii rakkoo uumame kana furuuf guyyaa har’aa konfiransii araaraa fi nageenyaa kan geggeessaa jiru tahuun beekamee jira.

Konfiransii nageenyaa guddaa Istaadiyoomii magaalaa Roobee keessatti geggeeffamaa jiru kana irratti, abbootiin amantaa, hawaasni naannichaa fi keessummoonni iddoo gara garaa irraa dhufan irratti hirmaataa jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button