header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaan walirraa hin cinnee Gazzaa irratti geggeeffamaa jira

Olmaya Falasxiin December 5, 2023

Halkan kaleessaa Falasxiinota Gazzaa keessa jiraataniif, keessattuu jiraattota Khaan Yuunis fi Magaalaa Raafaatiif halkan akkaan ulfaataa ture jedha gabaasni Aljaziiraa. Ummanni miiliyana 1.5 ta’u Kaaba Gazzaa irraa baqatee gara magaalota kanniinii seeneera. Magaalotni kunniin kan duraaniitin caala baay’ina ummataatiin hacuucamanii jiru. Haa ta’u malee yeroo lafti dhiiterraa kaasee, dhukaasni walirraa hin cinne, boombiin bakka hin filannee fi ajjeechaan waliigalaa irratti geggeeffamaa bule.

Manneen jireenyaa hedduun, dhaabbileen hawaasummaa, manneen baruumsaa, hospitaalonni fi kilinikoonni akkasumas suuqonni baha magaalaa Khaan Yuunisitti argaman guutumatti barbadeefamaniiru. Halkanuma walakkaa kanatti waraanni Israa’el ummanni magaalota kanniin gad lakkisee akka gara kibba dhiha Gazzaa imalu ajajeera. Namni osoo boombiin samii itti roobu baqachuudhaaf dirqame. Ambulaassoonni namoota miidhaman fuudhuuf gara baha magaalaa Khaan Yuunis imalanis haleellaan irratti raawwatamee of duuba deebi’aniiran. Kanaafuu namoota madaayanii fi ajjeefaman gara hospitaalaa geessuun hin danda’amne.

Harra ganama ammoo xayyaronni Israa’el kaampii baqattoota Bureeyj irratti haleellaa cimaa raawwataniiru. Ganama wayta lafti bariitu saa’aa 12:05 irratti haleellaan irratti raawwatame. Yeroon kun yeroo namni hedduun rafaa jiruudha. Kanaanis namni hirribaa rifatee ka’uun cinqaa hedduuf saaxilamuu Aljaziiraan gabaase. Yoo xiqqaate manneen jireenyaa 15 guutumatti barbadeeffamaniiru. Namni 15 ajjeefamuun kan mirkanaaye yoo ta’u, hedduun caccaba manaa jalatti awwaalamanii waan jiraniif lakkoofsi kun ni dabala jedhameera.

Guutumatti galaafatamnee jirra. Waan balleessine takkallee hin qabnu. Hirriba keessa jirra turre. Namni tokkollee kan dhimmi keenya isa yaachisu hin jiru. Kunniin warra homaa hin godhinii fi lammiilee nagayaati. Osoo rafaa jiran ajjeefaman” jechuun jiraataan haleellaa jalaa lubbuun hafe dubbate.

Israa’el weeraraa fi haleellaa Gazzaa irratti raawwatu guyyaa 60ffaa irraan geetteerti. Haga ammaatti Hamaas osoo hin barbadeessin, lammiilee nagayaa hedduu galaafatteerti. Ummataan gara kibbaa deemaa jettee, erga kibba biyyattiitti namoota walitti qabdeen booda amma ammoo achitti ajjeesaa jirti. Keessattu magaalaan Khaan Yuunis garri bahaa haleellaa cimaa jala jira.

Israa’el haleellaa Gazzaa irratti raawwataa jirtuun haga ammaatti lammiileen 15,899 ta’an ajjeeffamaniiru. Kanneen 42,000 ol ta’an ammoo madaayaniiran. West Baankitti ammoo Falasxiinonni 260 ajjeefamanii, 3,365 madaayaniiran. Israa’el gama isiitiin loltoonni 404 ta’an jalaa ajjeefamuu beeksisteerti.

 

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button