header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mormii Iraaqitti eegalameef manneen barnootaa fi manneen murtii magaalaa Baagdaad cufaman.

Lammiileen Iraaq malaamaltummaa mootummaa Iraaq keessatti bababal’ataa dhufeen wal qabatee, qaalayiinsa jireenyaa hammaataa dhufe furuuf mootummaan kutannoo hin qabu; akkasumas diinagdee biyyattii fooyyessuufis karoora hin qopheessine, jechuun jalqaba ji’a dabree mormii jalqaban ammas kan itti fufan tahuun beekamee jira. Mormii jalqaba harka caalu dargaggoonni keessatti hirmaataa turan kana, waldaaleen ogummaa gara garaatis kan deeggaraa jiran yoo tahu, haaluma kanaan barsiisoonni fi ogeeyyonni seeraa magaalaa Baagdaad keessatti argaman hojii dhaabuun ifatti mormitti kan makaman tahuu gabaafame.

Mootummaan Iraaq diinagdee biyyattii fooyyessuuf akkasumas malaamaltummaa qolachuuf karoora haaraya kan qopheesse tahuu ibsuun, mormiin akka dhaabbatu kan gaafate tahus fudhatama hin arganne. Mormitoonni akka jedhanitti, rakkoon biyyattii caasaa mootummaa irraa kan maddu waan taheef karoorri mootummaa amma aangoo irra jiruun qophaahuu kamuu rakkoo biyyattii furuu waan hin dandeenneef, furmaanni jiru mootummaan aangoo gadi lakkisuun filannoon haqa qabeessa tahe haarayatti geggeeffamuu qaba jedhan.

Mormii ummataa kana ukkaamsuuf mootummaan Iraaq tarkaanfii humnaa kan fudhataa jiru yoo tahu, Kiibxata kaleessaa fi halkan edaa qofa magaalota Baagdad fi Baasraa keessatti tarkaanfii humnaa poolisoonni biyyattii fudhataniin lubbuun nama 13 ol kan dabre tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Dhaabbileen mirga namoomaa biyyattii akka jedhanitti, eega mormiin ummataa biyyattti keessatti ka’e asitt, iddoo gara garaatti humnootni tika mootummaa mormitoota irratti dhukaasa bananiin namoonni 260 ol kan ajjeefaman yoo tahu, mormitoonni 3000 ol ammoo madaayanii jiru.

Mootummaan Iraaq mormii ummataa biyyattii keessatti babal’ataa dhufe Kana too’achuuf, Baagdaad fi magaalota biroo heddu keessatti labsii yeroo muddama kan baase tahuus, mormii ummataa kana too’achuu hin dandeenye.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button