header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Masjiidni Al-Faaruuq kan Finfinnee Kolfee Qaraaniyootti argamu akka diigamu gaafatame

Masjiidni Al-Faaruuq waraqaa seeraa guutuu kan qabu yoo tahu, dhiphina iddoo masjiidichaatiin wal qabatee hawaasani Muslimaa naannawa sanii dhaabbilee amantaa biroo naannawa sanitti argaman hunda dursuun, lafti qullaan ijaarsi tokkolleen irra hin jirre kan cinaa Masjiidichaatti argamu akka kennamuuf qaama dhimmi ilaallatu gaafatanii deebisaa eeggataa jiran.

Hawaasni muslimaa iyyannoo galfate kanaaf deebisaa osoo eeggachaa jiru, hordoftootni amantaa Ortoodoksii naannawa Masjida kanaa irraa fageenya meetira 100 irratti mana jireenyaa tokko kireeffachuun, Bataskaana godhanii itti fayyadamuu jalqaban. Itti aansuun lafa Masjiidaaf gaafatame kana irratti hayyama osoo hin argatin karaa seeraan alaatiin bataskaana ijaaruun, Masjidni Al-Faaruuq kan kartaa seera qabeessaa ta’e qabu akka diigamu, akkasumas sagalee guddiftuun masjiidaa waan nu jeequuf akka kaafamu jechuun kan gaafatan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Haaluma kanaan hoggantoonni Bataskaanicha kunniin Onkololeessa 25/2012 kutaa bulchiinsa magaalaa irraa, qaamolee seera kabachiisan qabatanii dhufuun Masjida seera qabeessa kana diiguuf yaalii kan godhan tahus, qaamonni isaan fidan kunniin lafti Masjidaa seera qabeessa tahuu, akkasumas sagalee guddiftuun isaan jedhanis rakkoo tokkollee kan hin qabne tahuu eega hubatanii booda, Masjiidichi osoo hin diigamiin hafee jira.

Haata’u malee olola sobaa hoggantoonni Bataskaanaa facaasaa jiraniin jiraattota naannichaa jiddutti walitti gaarrifannaa uumame yeroo ammaa haala sodaachisaa irra kan gahe tahuun beekamee jira. Jiraattonni nannichaatis qaamni dhimmi ilaallatu hatattamaan dhimmicha qoratuun furmaata akka itti keennu gaafataa jiran.

Manni marii dhimmoota Islaamaa magaalaa Finfinnee gama isaatiin ibsa guyyaa har’aa baase irratti, masjiidichi kaartaa seera qabeessaa qabatuu ibsuun, “lafti qullaan naannawa isaatti argamu akka kennamuuf hawaasni muslimaa gaafate jira; haata’uu malee lafa kana irratti yeroo dhiyoo as waldhabbiin wan uumameef hanga dhimmichi furmaata argatutti qaamni kamuu obsaan akka eeggatu gaafanna”jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button