header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Itiyoophiyaa, Suudaaniifi Masr dhimma laga Abbaay irratti mari’atan.

Hidha laga Abbaay ilaalchisee mariin kanaan dura biyyoonni sadeen geggeessaa turan fashalaayuu isaa hordofuun, mootummaan Ameerikaa biyyoota sadeen jiddutti jaarsummaa akka taa’u yaada Masri dhiheessite Ityoophiyaan jalqaba diduun isii ni yaadatama. Haa ta’u malee duula dipilomaasii cimaa Masri geggeessiteen, Ameerikaan biyyoota sadeen jiddutti marii jalqabsiisuuf kallattiidhaan affeerraa kan dhiheessite yoo tahu, ministeeronni haajaa alaa fi ministeeronni bishaanii Ityoophiyaa, Suudaan fi Masri gara Ameerikaatti imaluun Washington DC keessatti kan mari’atan tahuu beekamee jira.
Haaluma kanaan jilli mootummaa Ityoophiyaa ministeera haajaa alaa Obbo Gadduu Andaargachewtiin durfamu, Ministeerota Suudaan fi Masri waliin bakka ministeerri Maallaqa Ameerikaa fi Prezdaantiin Baankii Addunyaa argamanitti eega mari’atanii booda ibsa waloo baasanii jiru.
Akka ibsa kanaatti guutinsa bishaanii fi adeemsi sana booda jiru hundi biyyoota sadeenuu kan fayyadu akka tahu walii galuu isaanii ibsichi ni addeessa. Dabalataanis Waliigaltee bara 2015 Kaartuumitti mallatteeffame hojii irra oolchuuf karoorri ifa tahe akka qophaayu kan walii galan tahuu ibsame.
Raawwii walii galtichaa kana irratti kana booda sadarkaa ministeerota bishaanii biyyoota sadeeniitti waltajjiiwwan marii afur akka geggeeffaman, kanneen keessaa wal gahiin lama Washington DC keessatti akka geggeeffamu kan walii galan tahuu ibsi waloo kun ni addeessa. Mariiwwan kanneen hunda irratti Ameerikaa fi Baankiin Addunyaa taajjabdummaan kan hirmaatan ta’a.
Biyyoonni sadeen hanga walakkaa bara kanaatti waliigaltee xumuraa irra ga’uu dadhabnaan, waliigaltee Kaartuum keeyyata 10 hojii irra oolchuuf walii galanii jiru. Haata’u malee qabiyyeen keeyyata kanaa maal akka ta’e hin ibsamne.

Mari ministeerota Masri ityoo sudaan

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button