header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Mariin Araaraa Roobee Baaleetti geggeeffamaa ture Milkiin xumurame.

Hiriira nagayaa torban lama dura godinaalee Oromiyaa gara garaatti geggeeffame hordofuun, iddoo adda addaatti qaamoleen gurmaa’an hiriira nagayaa kana jeequmsaatti jijjiruun waliitti bu’iinsi uumamuun ni yaadatama. Magaaloota kanneen jidduu magaalaan Roobee tokko yoo taatu, November 5,2019 irraa hanga guyyaa har’aa hawaasni magaalaa Roobee fi naannawa isii waldhabbii uumame ture furuuf Konfiransii nageenya fi araaraa geggeessaa turan.

Konfiransii nageenya fi araaraa kana irratti Abbootiin amantaa, abbootiin gadaa, dargaggoonni, manguddoonni fi akkasumas keeysummoonni Iddoo garagaraa irraa dhufan kan irratti hirmaatan yoo tahu, mariin kun guyyaa har’aa milkiin xumuramuu odeeyfannoon ni addeessa.

Ummanni qaamolee tokkummaa isaa diiguuf shira garaagaraa xaxu irraa ofeeguu akka qabus xumura marii nageenyaa kana irratti ibsamee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button