header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Haleellaa Boombii buufata Poolisii Oromiyaa magaalaa Burraayyuu keessatti argamu irratti raawwatameen namoonni 9 madaayuu ibsame

Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka ibstetti, haleellaa Bombii kaleessa galgala buufata Poolisii Kora Bittinneessaa Oromiyaa magaalaa Burraayyuu keessatti argamu irratti raawwatameen, dubartii siviilii takka dabalatee namoonni sagal kan madaayan tahuun beekamee jira. Akka ibsa kanaatti miidhaan namoota irra gahe salphaa akka taheefi, miidhamtoonni heddu wal dhaansa barbaachisu eega argatanii booda har’a hospitaala irraa kan bahan tahuu ibsame.

 

Namoonni haleellaa kana raawwachuun shakkamanis too’annoo jala oolfamanii dhimmi isaanii kan qoratamaa jiru tahuus odeeyfannoon FBC irraa argame ni addeessa.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button