header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Majlisni Naannoo Amaaraa haarayatti kan hundeefamu tahuun ibsame

Kora torbaan dabre magaalaa Daseetti Ulamaa fi hayyoonni, akkasuma bakka bu’oonni hawaasa Muslimaa godinaalee Wolloo 3 irraa dhufan itti hirmaatanitti Majlisni godina Wolloo kaabaa, Wolloo kibbaa fi Godina Oromoo Wolloo Kamisee bakka bu’u hundeefamuun ni yaadatama.

Hoggantoonni mootummaa naannoo Amaaraa, hundeefamuun Majlisa godinaalee kanaa dallansiisee ni diigna jechuun kan dhaadatan yoo ta’u, guyyaa kaleessaa hoggantoonni Majlisaa godinaalee Wolloo 3n irraa ummataan filaman kunniin xalayaa ummanni isaan filuu fi akkasumas dararaa Muslimoota naannichaa irratti raawwatamaa jiru ibsu ministeera nageenyaaf galchuu odeeyfannoon ni addeessa.

Guyyaa har’aa immoo Waajjira mana dhimmoota Islaamaa Itoophiyaatti argamuun, Pirezidaantii mana marichaa Muftii Haaj Umar Indriis fi itti aanaa Pirezidaantii Dr Jeylaan Haaj Khadiir waliin mari’atanii jiran.

Marii kana irrattiis dararaa Muslimoota naannichaa irratti raawwatamaa jiru, hoggantoota mana marii dhimmoota Islaamaa Federaalaatiif ibsan. Pirezidaantiin mana marii dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa Muftii Haaj Umar Indiriis yeroo gabaabaa keessatti Majlisa naannichaa haarayatti hundeessuuf wadaa galuus odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button