header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waltajjiin marii paartilee siyaasaa Ityoophiyaa galma walga’ii Komishiinii Diinagdee Afrikaatti geggeeffame

Waltajjii Sabtii har’aa  mata duree “aadaa siyaasa biyyattii jijjiiruu fi dirree dimokraasii bal’isuu”jedhuun  geggeeffame kana irratti, muummicha ministeeraa Dr. Abiy Ahmad dabalatee hoggantoonni siyaasaa buleeyyiin waraqaalee qorannoo siyaasa biyyattii irratti xiyyeeffate hirmaattotaaf dhiheessanii jiru.

 

Haaluma kanaan Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad waraqaa mariidhaf dhiyeesseen, aadaa siyaasa Ityoophiyaa irratti ibsa kennee jira. Dr. Abiy akka jedhetti, “Aadaan siyaasaa biyya keenyaa garee ofii irra ce’ee, garee kaan amansiisutti hin guddanne, Dimokraasii hiikkaa qabu ijaaruuf, garaagarummaa jiru keessattis waliin mari’achuun barbaachisaadha, kanaafuu siyaasni biyyattii ida’amuudhaan hammachutti guddachuu qaba”jedhe.

 

Qopheessitoonni waltajjichaa, Kaayyon walga’ichaa muuxannoo qabsoo siyaasa karaa nagayaa cimsuu akka tahe kan ibsan yoo tahu, namoota biroo waraqaalee marii dhiheessan jidduu, Dr Mararaa Guddinaa, Dr Aragaawii Barihee, Dr Birhaanuu Naggaa fi kanneen birootis keessatti argamu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button