header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
BreakingOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Obbo Jawaar Muhammad Filannoo Biyyooleessa bara 2012 irratti dorgomuuf qophii tahuu ifoomse

Jijjiirama Siyaasaa biyyattii keessatti dhufe hordofuun, waggaa tokko dura gara biyyaatti kan gale xiinxalaan siyaasaa fi Daayrekterri OMN obbo Jawaar Muhammad, wal gahii hawaasa Oromoo Ameerikaa kutaa Minnesotaa magaalaa Miniyaapolisiitti geggeeffamu jiru irratti, Filaannoo Biyyooleessa Ityoophiyaa bara kana keessa geggeeffamu irratti kan dorgomu tahuu ibse.

Obbo Jawaar Filannoo bara kanaa irratti kan hirmaatu tahuu ibsuu alatti dhuunfaan ykn Miseensa Paartii Siyaasaa kam bakka bu’e akka dorgomu wanti dubbate hin jiru.
Ummata hanga ammaa kabaja natti horee du’a na oolche kana taa’ee hin laalu. Filannoo as deemu kana irratti aniis hirmaachuuf qophiidha jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button