header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ityoophiyaa fi Emreets hariiroo waraana isaanii cimsuuf walii galtee mallatteessan

Walii galteen hariirroo humna ittisaa fi waraana biyyoota lamaanii cimsuu kun Dubaay keessatti kan mallatteeffame yoo tahu, kunis mootummaan Emreets gama hundaan Ityoophiyaa waliin hariiroo isa cimsuuf fedhii guddaa kan qabu tahuu ibsame.

Haaluma kanaan gama Ityoophiyaatiin Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Obbo Lammaa Magarsaa fi gitni isaa Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Emireets Muhmmad Bin Ahmad Al Bowaardii walii galtee kana mallatteessanii jiru.
Obbo Lammaa Magarsaa sirna mallattoo kana irratti yaada kenneen, Raayyaan ittisa biyyaa Ityoophiyaa dhimmoota faayidaa biyyoota lamaanii eegsisuu ilaallatu irratti waliin hojjachuuf murannoo qabaachuu ibse.
Haaluma walfakkaatuun Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Emireets Muhaammad Bin Ahmad Al Bowaardii gama isaatiin, “walii galteen Ityoophiyaa waliin mallatteessine kun biyyattiin walitti dhufeenya hawaasa idil addunyaa waliin qabdu olaanaa ta’uu isaa kan agarsiisuu”jechuu isaa FBC gabaase.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button