header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dr Zabibaa Yuunus, dorgommii Akkaadaamii fi Saayinsii addunyaa injifatte

Dhaabbanni Akkaadaamii fi Saayinsii adduunyaa(TWAS), qorannoowwan saayinsaawaa gara garaa, dhaabilee barnootaa irraa wal dorgomsiisuun ‘qorannoo fudhatama argatee fi hawaasaaf bu’a qaba’ jedhee itti amane galmaan baasuuf, deggarsa barbaachisu guutuu kan godhuuf yoo ta’u, Qorannoowwan bara kana dhaabbatichaa dhihaatan jidduu, biyya keenya irraa Yuunivarsitii Addigiraat bakka bu’uun kan dhiyaatte, qorannoon barsiistuu damee barnoota Fiiziksii Yuunivarsitichaa, akkasuma gargaartuu Pirofeeseraa Dr Zabiibaa Yuunusiin dhiyaate injifattu gabaafame.

Dr Zabiibaa Yuunus Yunivarsitii Addigiraat bakka bu’uun waan injifatteef, dhaabbatichi qorannoo isiin dhiheessite galmaan baasuuf waan barbaachisu hunda Yunivarsitichaaf kan dhiheessu tahuu odeeyfannoon website Yunivarsitichaa irraa argane ni addeessa.

Yunivarsitiin Addigiraat barreeffama websaayiitii isaa irratti baaseen, gumaata Dr Zabiibaan biyyaa fi ummata isiif gumaachite dinqisiifatuun galatoomfate.

#Dr_Zabiibaa #Yunivarsitii_Addigraat

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button