header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mariin Paartiileen siyyaasaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa waliin gaggeessaa turan adda cite

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Jum’aa har’aa wixinee dambii seera filannoo raawwachiisuuf dhihaate irratti, paartiilee mormitootaa waliin marii jalqabee kan ture tahus, paartiileen siyaasaa “labsiin seera filannoo osoo hin raggaasifamin dura, wixinee isaa irratti yaadni paartiileen morkattootaa kennan osoo itti hin dabalamin raggaasifamuun sirrii miti”sababa jedhuun maricha addaan kutanii kan bahan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Paartiileen Siyaasaa kunniin, “Wixinee dambii seera filannoo raawwachiisuuf dhihaate kana irratti mari’achuun duratti, gaaffilee labsii seera filannoo irratti dhiheeffannee turreef deebisaa argachuu qabna”jedhan.

Walitti qabduun Boordii Filannoo biyyaalessaa aadde Burtukaan Miidhagsaa gama isiitiin, “labsichi mana maree bakka bu’oota ummaataatiin kan ragga’e waan ta’eef, gaaffiin Paartiileen dhiheessan Boordii Filannoo hin ilaallatu”jechuu isii odeeyfannoon argame ni addeessa. Adde Burtukaan itti dabaluudhaanis Dambii labsicha raawwachiisu baasuu fi hoji irra oolchuun waan barbaachisuuf, Paartiileen siyaasaa akka abbaa dhimmaatti wixinee dambii kana irratti yaada kennuu qabdan jechuun gaafatte.

Haa ta’u malee Paartiileen siyyaasaa “yaadni kana dura kennine tokkollee labsicha keessatti dabalamee waan hin dhiyaatiniif, ammas dambii raawwii kana irratti yaadni kenninu fudhatama argata jennee hin amannu; kanaafuu yaada irratti hin kenninu’ jechuu isaanii odeeyfannoon ni mul’isa.

Sababa kanaan mariin guyyaa walakkaaf yaamamee ture, walii galtee malee kan addaan cite tahuun beekamee jira.

Aadde Burtukaan fi Hoggantoonni Boordichaa, paartiileen siyaasaa waltajjii marii yeroo biraa qophaa’u irratti argamuun, gaaffii qaban barreeffamaan akka dhiheeffatan gaafatanii jiru. Hoggantoonni Boordichaa Itti dabaluudhaanis, “Wixineen dambii raawwii seera filannoo kun paartiileen irratti mari’atanis, mari’atuu dhiisanis ragga’uun isaa kan hin oollee waan ta’eef, malkaa’ina adeemsaa siyaasaatiif jecha garuu osoo mari’atanii ni filatama”jechuu isaanii FBC’n gabaase.

Boordii Filannoo Biyyaalessaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button