header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Baalli Sammuu namaa hadoochu Finfinnee Buufata Xiyyaara Booleetti qabamuu ibsame

Ministeerri Galiiwwan Ityoophiyaa ibsa baaseen, baalli sammuu namaa hadoochu kilograma 11.8 Arba’aa kaleessaa buufata Xiyyaara Boolee keessatti kan qabame tahufi, gatiin isaa birrii miiliyoona 28 fi kuma 300 olitti kan shallagamu tahuu beeksise.

Akka gabaasa kanaatti, baalli sammuu namaa hadoochu kun dubartoota lama buufata xiyyara Boolee irraan, gara biyyoota birootti ce’uuf (transit) godhuuf yaalaa turan harkatti kan qabame yoo tahu, hordoffii hojjattoonni tajaajila Odeeyfannoo fi hojjattoonni intelejensii gumruukaa qindoominaan raawwataniin qabamuu ibsame.
Haaluma kanaan dubartiin lammii Afrikaa Kibbaa takka Kokeeynii kilograama 7.4 Johannesburg irraa gara Indiyaa magaalaa New Delhitti dabarsuuf kan yaalaa turte akka taheefi, dubartiin lammaataa ammoo lammummaan isii Azarbajaan yoo tahu, kaleessaa ganama Ruusiyaa magaalaa Moskoo irraa Finfinnee eega qubattee booda, Kokeeynii kilograama 4 qabattee gara Taayiland magaalaa Baankook imaluuf osoo yaaltu kan qabamte tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button