header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Gaaffii Godinni Ummata Silxee akka Naannoo tahuuf dhiyaate irratti Mariin geggeeffame

Manni marii ummata godina Silxee Guraandhala 2,2012, gaaffii godinichi, Bulchiinsa naannoo Sabaa fi Sablammoota kibbaa jalaa akka bahuuf, ummanni dhiheesse raggaasisuun mana marii naannichaaf dabarsee ture.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa gaaffii ummanni Silxee dhiheesse kana galmaan baasuuf waltajjiin Marii bulchiinsa godinichaan qophaa’e, iddoo bakka bu’oonni ummata mana marii Federaalaa fi mana marii naannoo argamanitti kan geggeeffame tahuu odeeyfannoon Waajira Komunikeeshinii godinichaa irraa argame ni addeessa.

Marii kana irrattis, waggoota digdaman dabran keessa hojiiwwan godinni ummata Silxee gama misoomaatiin, hawaasummaan, Siyaasaa fi dinagdeen galmeesse irratti kan mari’aatamee fi hojiiwwan hojjetaman kunniin immoo fedhii ummata guutuuf gahaa wan hin ta’iiniif, misoomaa fi fedhii ummanni misoomaaf qabu galmaan baasuuf gaaffiin ummata deebisaa argachuu akka qabu kan ibsame tahuu gabaafame.

Qaamoleen kanaan dura waltajjii marii ummanni godinichaa naannoo tahuuf dhiheesse ilaalchisee, ummata mariisisaan gaaffii ummata qaama ilaallatuf dhiheessuu dhabuu fi, maqaan godinichaa gabaasa manni marii Federeeshinii godinaalee naannoo tahuuf gaafatan jechuun dhiheesse, keessaa dhabamuun kan ummata mufachiise tahus ibsame.

Marii kana irratti kan argame Bulchaan godinichaa Obbo Alii Khadiir faayidaa fi gaaffii ummanni Silxee naannoo saba Silxee tahuuf dhiheesse, galmaan baasuuf kan ofduuba hin deebine tahus dubbate.

Hirmaattoonni marichaatis gaaffii ummata godinichaa kana galmaan baasuuf hoggantoonni fi Ummanni waliin tahuun akka hojjatuu qaban dhaamsa dabarfatu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button