header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Marii Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa Kora Walii Galaa geggeessaa ture xumuruu beeksise

Manni Marichaa ibsa har’a waaree booda baaseen, miseensonni mana maree dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa, kora walii galaa kan jalqabaa Muddee 1-4/2012tti kan geggeessan tahuu beeksise. Manni marichaa kora isaa kanaan dhimmoota tokkummaa hawaasa muslimaa cimsan, akkasumas nageenya biyya keennaa ilaalchisee gahee mana marichaa irraa eeggamu bahuu irratti, hawaasa muslimaa hunda wal qixa tajaajiluudhaaf, miseensonni mana marichaa hundi waadaa kan galan tahuu ibsame.

Haaluma kanaan miseensonni mana marichaa xumura kora isaanii irratti, dhimmoota akka karooraatti fuulduratti raawwataman qabxiilee 17 baasuun kan walii mallatteessan tahuu ibsame.

Qabxiilee kanneen jidduu:-Manni marichaa, muurtiiwwan kora koreen muummicha ministeeraatiin hundaaye Ebla 23/2011 dabarse hunda irra deebi’ee raggaasisuun, murtiiwwan kora sanii raawwachiisuun wal qabatee, hanqinoota Majliisa Federaalaa fi Naannolee keessatti mul’atan hunda foyyeessuuf kan socho’u tahuu; Sanadiin Tokkummaa Ulamootaa mana maree ulamaa’otaatiin ragga’ee hojii irra akka ooluuf, ulamoota, Imaamota fi Du’aatota guutuu biyyattii keessa jiran akka dhaqqabu kan hojjatamu tahuu; akkasumas Manni Marii Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa labsii paarlaamaatiin akka hundaayuuf hordoffii cimaa godhuuf kan murteesse tahuu ibse.
Dabalataanis, Sanadiin Caasaa fi Danbii ittiin bulmaata Majlisaa kanaan dura qophaayee ture, ammas mariin irratti geggeeffamee ragga’e hojii irra akka oolu kan hojjatamu tahuu; Naannolee hunda keessatti caasaa majlisaa haaraya hojiin hundeessuu, akkaataa karoora kanaan dura baheetiin ji’a jaha keessatti xumuramuu dhabuun wal qabatee, akkasumas hojiin mana marichaa labsii paarlaamaatiin hundeessuu wanta hin xumuraminiif, itti gaafatamummaan mana marichaa yeroo ce’umsaatiif kenname dheeressu ilaalchisee, wal tajjiin marii ummataa kan qophaahu tahuu ibsame.

Kana malees manni marichaa ibsa isaa kanaan, gareewwan mana mariitiin alatti gurmaayanii adeemsa Majlisaa jeeqan kan balaaleffatu tahuu beeksise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button