header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hooggantoonni Majliisa Magaalaa Shaashamannee fi Godina Arsii Lixaa fedhii isaaniitiin aangoo gad lakkisuun beekame

Ummanni  godina Arsii Lixaa yeroo dheeraadhaaf hooggantoonni majliisa Seeraan alaa aangoo akka gad lakkisan gaafataa kan ture tahuun ni beekama.  Haaluma kanaan hoggantoonni majliisa magaalaa Shaashamanneetii fi kan godina Arsii Lixaa guyyaa kaleessaa aangoo kan lakkisan tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

 

Guyyaa kaleessaa hooggantoonni Majliisa aanaalee fi magaalota Godina arsii lixaa hunda  irraa dhufuun, galma Bulchiinsa magaalaa Shaashamannee keessatti bakka hooggantoonni mootummaa fi ummanni argameetti walgahii geggeessan. Walgahii kana irratti ummanni hirmaate gaafiiwwan hawaasni muslimaa dhiheeffataa ture kan kaasan tahuu fi hooggantoonni majliisa godinichaatis akka aangoo lakkisan kan gaafatan tahuu namni walgayii kana irratti argame nuuf hime.

 

Akka namni kun nuuf himetti;  hooggantoonni Majliisaa gaaffii ummanni kaaseef deebisaa akka kennaniif qaamonni mootummaa yeroo gaafatan, “ummanni nu jibbee jira, kanaafuu aangoo gad lakkisnee jirra, wan kana dura balleessineef dhiifama nuuf godhaa, amma irraa kaasee ummanni nama nuuf taha jedhe akka filatu”jechuun kan deebisan tahuu nuuf hime.

Hooggantoonni aangoo lakkisan kunniin, Itti aanaa hoogganaa majliisa godina Arsii Lixaa Sheikh Muhammad Ayyalaa, Barreessaa Majliisa godinichaa Ahmad Saaddoo, Itti gaafatamaa Dhimma Hajjii fi Umraa Haaj Huseen Sa’id, Itti gaafatamaa damee Hawaasummaa Sheikh Abdurahmaanii fi Itti gaafatamaa Awuqaafaa fi namoonni birootis kan keessatti argaman tahuun beekameera.

Guyyaa hardhaatis Aanaalee Godina Arsii Lixaa kanneen akka Gadab Asaasaa,Dodolaa , Adaabbaa fi Kokkossaa keessatti ummanni marii kan godhaa oole tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button