header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Prezdaantii Paakistaan kan duraanii Pervez Musharraf irratti adabbiin du’aa murtaahe

Manni murtii addaa Paakistaan Prezdaantii biyyattii duraanii kana, yakka biyya ganuutiin bakka inni hin jirretti adabbii du’aa irratti murteesse. Jeneraal Pervez Musharraf bara 1999 fonqolcha mootummaatiin aangoo qabachuun waggaa sagaliif biyyattii hogganaa ture. Musharraf November 2007-August 2008tti heera Paakistaan ugguruun labsii yeroo muddamaatiin biyyattii bulchaa ture.

Haata’u malee prezdaantichi deeggarsa waraanaa fi humnoota siyaasa biyyattii dhabuun August 2008 angoo kan gadi lakkise yoo tahu, kanuma hordofuun abbaan alangaa biyyattii “yeroo nagayaatti angoof mootummaatiif heera ugguruun, biyyattii labsii yeroo muddamaatiin bulchuun sun, yakka biyya ganuuti”jechuun himannaa irratti bane.

Jeneraal Perveez Musharraf bara 2016 dhukkubsatee yaalaaf gara Dubaay eega imalee booda, rakkoo nageenyaa fi dhibee hordoffii addaa isa barbaachisu himatuun koolu galtummaa gaafatee Emreets keessa jiraata.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button