header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Sudaan  Israa’el waliin Hariiroo Dippilomaasii tolfachuuf waliigaltee maallateessite

Mootummaan Sudaan , Waliigaltee jaarsummaa Ameerikaatiin biyya isaa fi Israa’el jiduutti hariiroo diplomaasii tolchuuf dhiyaate mallatteessuu ibse. Ministeerri haqaa biyyattii Nasraaddiin Abdulbar, ibsa guyyaa arraa keenne irratti, Ministeera maallaqa Ameerikaa harra Kaartuum seene, Isteevan Maanshiin  waliin Waliigaltee hariiroo biyyoota lamaan jidduu jiru tolchuuf dhiyaate mallatteessuu beeksise.

Emireets fi Bahraayni september dabre, biyyoota galoo galaana Arabiyaa jidduu jaarsummaa Ameerikaatiin Waliigaltee kana mallatteessuun, Israa’eliif  beekkamtii kennuun ni yaadatama. Haaluma kanaan Sudaanis biyyoota kanniin lamaaniitti dabalamuun biyya sadaffaa Israa’eliif beekkamtii keennite taatee jirti.

Ji’a lama dura Sudaan Israa’el waliin Waliigaltee tolfachuuf labsitee turte, kanuma hordofuun Prezdaant Traamp tarree biyyoota shororkeessummaa deeggaran jedhaman keessaa baasuu labse, Walii-galtee kana maallateessuu hordofuun immoo Ameerikaan waggoota dheeraa booda yeroo jalqabaaf, Sudaaniif liqaa doolaara biiliyoona 1.2 kennuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button