Odeeyfannoo
Haleellaa Masjiida Masrii tokko irratti raawwatameen yoo diqqaate namoonni 235 ajjeefaman.
Haleellaan kun Kaaba Misraa kutaa Sinaayi magaalaa Ariish keessatti masjiida Rawdaa jedhamu irratti salaata Juma’aa booda , Boombiifi rasasaan kan raawwatame tahuu midiyaan Misraa gabaase.
Namoota 235 ajjeefamaniin alaattis namoonni 100 ol tahan midhamuu Odeeffannoon ni mul’isa.
Haleellaan kuneega raawwatamee turtii murasa booda Prezdaantiin Masrii Abdulfattah Al-Sisii walgahii ariifachiisaa waamuu TVn Misraa gabaase.