header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Liyyuu Poolisiin Naannoo Amaaraa Jila Majlisaa gara Magaalaa Mooxaatti ergame keessa garee Miidiyaa ugguruu gabaafame

Manni Maree dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa jila haleellaa masjiidotaa fi manneen daldalaa hawaasa muslimaa irratti raawwatame qoratu, har’a gara magaalaa Mooxaa kan erge yoo tahu, jilli kun magaalattii seenuuf Kilomeetrri 70 qofa yemmuu isa hafetti, Liyyuu Poolisii Naannichaattiin kan uuggurame tahuun beekamee jira. Haaluma kanaan humni addaa poolisii naannichaa jila kana Konkolaataa irraa buusuun eega sakatta’ee booda, miseensota jila kanaa jidduu gareen miidiyaa gara magaalaa seenuu hin danda’u jechuun too’annaa jala kan oolche tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Gama biraatiin ammoo Majliisni Federaalaa ibsa ganama har’aa kenneen, jila gara magaalaa Mooxaatti ergameef mootummaan naannichaa deeggarsa barbaachisu hunda akka godhuuf gaafatee ture. Dabalatanis haleellaa fi dararaa Naannoo Amaaraa keessatti hawaasa muslimaa irratti raawwatamaa jiru balaalefachuuf, akka biyyaalessaatti Alhada dhuftu magaalaa Finfinnee keessatti mormiin guddaan kan geggeeffamu tahuunis beekamee jira.

3 Comments

  1. Pingback: Q.s.i

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button