header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hawaasni Muslimaa guutuu biyyattii haleellaa Masjiidota irratti raawwatame balaalefftuun mormii jalqabe itti fufee jira

Haleellaa shororkeessitoonni naannoo Amaaraa guyyaa 10 dura magaalaa Mooxaa keessatti raawwataniin, Masjiidota afur dabalatee qabeenyi hawaasa muslimaa heddu ibiddaan barbadaa’uu fi saamamuun eega dhagayamee booda, hawaasni muslimaa guutuu biyyattii keessatti dallansuu isaa ibsataa jira.

Haaluma kanaan hawaasni muslimaa hiriira guyyaa sagal dura dura jalqabe hanga har’aatti itti fufee jira. Keessumattuu Jum’aa dheengaddaa guutuu biyyattii keessatti hiriirri guddaan kan geggeeffame yoo tahu, magaalota Jum’aa dheengaddaa hiriirri guddaan keessatti geggeeffame jidduu, Naannoo Amaaraa magaalota Dasee, Waldiyaa, Dagaan, Harbuu, Marsaa, Baatee fi Boorana keessatti argamu.Naannoo Oromiyaa ammoo Adaama, Nageellee Arsii, Dambidoollo, Dalloo Mannaa, Baakko, Sulutaa, Ginniir, Ciroo, Jimmaa, Aggaaroo, Yaabelloo, Hasaasa, Dodolaa fi Shaashamanneenne dabalatee magaalota biroo heddu keessatti hiriirri geggeeffamee jira.
Magaalaa Adaamaa keessatti Poolisiin hawaasa muslimaa karaa nagayaatiin hiriira geggeessaa ture irratti tarkaanfii humnaa kan fudhate tahus, ummanni garuu reebicha poolisoota kana dandamachuun sagalee isaa karaa nagayaatiin kan dhageessise tahunis beekamee jira.
Haaluma wal fakkaatuun naannoolee Somaalee, Affaar fi naannoo Kibbaa magaalota heddu keessatti ummanni hiriira bahuun gocha muslimoota irratti raawwatame kana balaaleffatee jira.
Gama biraatiin ammoo akka biyyaalessaatti hiriirri Magaalaa Finfinnee keessatti dirretti bahuuf karoorfame yeroo biraatti dabarfamuun kan ibsame tahus, Jum’aa dheengaddaa ummanni kuma dhibbatti lakkaahamu naannawa Masjiida Nuuritti hiriira guddaa kan geggeesse tahuun beekamee jira.

Hiriirri kun guyyaa Jum’aa boodas kan ittii fufe yoo tahu, Sabtii Godina Arsii lixaa Magaalaa Seeroftaatti, Alhada kaleessaa ammoo Naannoo Kibbaa Godina Geediyoo Magaalaa Dillaatti hiriirri mormii guddaan gaggeeffamaa oole.
Haaluma wal fakkaatuun Wixita har’aa ummanni Magaalaa Dirree Dhawaa kuma dhibbatti lakkaahamu Dirretti bahuun haleellaa Masjiidota nannoo Amaaraa irratti raawwatame kana balaaleffatee jira. Ummanni Magaalaa Dirree Dhawaa hiriira kana ganama Salaata Subhii booda kan jalqabe yoo tahu, rakkoolee ummata muslimaa irra gahaa jiran mootummaan akka dhaabsisu, iddoowwa masaajidaa akka kabajaman fi dhiibbaan karaa adda taheen ummata muslimaa irra gahaa jiru akka dhaabbatu sagalee tokkoon gaafatanii jiran.
Ummanni muslimaa magaalaa Dirree Dhawaa achuma magaalaa isaanii naannawa Kaziraa keessatti iddoo Masjidaa fi Madrasaa dhabuun, ummanni Muslimaa Magaalaa Aksuum Masjiida akka hin ijaaranne dhoorkamuun adda hin jiru jechuun balaaleffatan.
Hiriira Magaalaa Dirree Dhawaa Kana Kantiibaa Magaalaa Ahmad Buuh, Sheik Amiin Ibroo, Ustaaz Ahmaddiin Jabal Profesor Aadam Kaamil, Ustaaz Kaamil Shamsuu fi Ustaaz Ahmad Musxafaa dabalatee ulamaa’onni fi hayyoonni heddu irratti hirmaatanii jiran.

Haata’u malee gocha shororkeessummaa hordoftoonni amantaa Ortodoksii hawaasa muslimaa irratti raawatan kana, mootummaan naannichaa fi kan federaalaatis hanga ammaatti kallattiidhaan ibsa baasuun hin balaaleffanne.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button