header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Gareen hidhattoota Somaaliyaa buufata waraana Ameerikaa Kibba Baha Keniyaa keessatti argamu haleeluu gabaafame

Hidhattoonni Somaaliyaa Alhada har’aa buufata waraana Ameerikaa kan Kibba Baha Keeniyaa Kutaa Laamuu jedhamtu keessatti argamu irratti haleellaa kan raawwatan tahuun beekamee jira. Hidhattoonni ganama har’aa buufata humni galaana Ameerikaa fi Keeniyaa waloon keessa qubatan boombiin eega haleelanii booda, dhukaasa bananiin Xiyyaara waraanaa fi konkolaataa heddu kan barbadeessan tahuu gabaafame.

Gareen hidhattoota Somaaliyaa buufata Waraanaa Simba jedhamu irratti haleellaa raawwachuu ibsuun, loltoota Ameerikaa fi Keeniyaa heddu madeessuu beeksise. Qondaaltonni Waraana Keeniyaa gama isaaniitiin kaampichi haleelamuu amanuun, haata’u malee waraanni Ameerikaa fi Keeniyaa tarkaanfii qolachuu hatattamaan fudhateen, hidhattoota 4 ajjeesuu fi yaalii buufata waraanaa too’achuuf gareen kun geggeesse guututti fashaleessuu beeksisan.

Haaluma wal fakkaatuun Waajjirri Waraana Ameerikaa U.S. Africa Command jedhamu fuula Twitter isaa irratti, Keeniyaa Manda Bay Airfield ‘tti haleellaan raawwatamuun sirri akka ta’ee fi dimmicha hordofaa jiraachuu ibse. Haata’u malee Ameerikaa fi Keeniyaanis miidhaa dhaqqabe ilaalchisee hanga ammaatti wanti ibsan hin jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button