header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Muummichi ministeera Maleezhiyaa Dr. Mahtir Muhammad angoo gadi lakkisuuf qophaayaa jiraatuu gabaafame

Muummichi ministeera Maleezhiyaa Dr. Mahtir Muhammad angoo gadi lakkisuuf Malika biyyattiitif xalayaa kan galche tahuu Routers gabaase. Dr. Mahtir waggaa lama dura muummicha ministeeraa tahee yemmuu filatametti, yeroo gabaabaa keessatti aangoo isaa hogganaa Partii gamtaa mootummaa isaa kan tahe Anwar Ibrahimiif dabarsee kan kennu tahuu ibsee ture.

Haata’u malee hoggantoota Paartiilee gamtaa kanneen lamaan jiddutti garaagarummaa adeemsa siyaasaa uumame hordofuun, Dr. Mahtir fi Anwar dhiheenya wal dhabbii hamaa keessa kan galan tahuu gabaafame. Haaluma kanaan Dr. Mahtir Muhammad angoo isaa gadi lakkisuun haarayatti mootummaa Anwar Ibrahimii fi deeggartoonni isaa keessatti hin hirmaanne hundeessuuf sochiii kan jalqabe tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button