header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Haleellaa Niwziilaand keessatti muslimoota irratti raawwatame biyyoonni fi dhaabbileen addunyaa balaaleffataa jiran

Haleellaa guyyaa hardhaa Masjiidoota Niwziilaand lama keessatti shororkeessitoonni Muslimoota Salaata irra turan irratti raawataniin namoonni 49 ajeefamuun namoonni hedduun miidhaman. Haleellaa gara jabeenyaan raawwatame kana miidiyaaleen heddu akka yakka salphaatti kan gabaasaa jiran yoo tahu, biyyoonni muslimaa heddu gocha shororkaa muslimoota irratti raawwatame kana balaaleffataa jiran.

Haaluma kanaan, mootummaan Turkiyaa ibsa baaseen, “haleellaan kun Jibbiinsi Islaamummaa qaamoota muraasaan leellifamuu gara sadarkaa Shororkeessummaatti ol guddachuu agarsiisa, kun immoo mootummoonni biyyoota dhihaa jibbiinsa isalaamummaa qolachuuf fedhii dhabuu isaanii waliin kan wal qabatu”jechuun ibse.

Biyyoota biroo haleellaa sukkanneessaa kana balaaleffatuun ibsa baasan jidduu, Indoneezhiyaa, Maleezhiyaa, Paakistaan, Afgaanistaan, Urdun (Jordan) keessatti argamu.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) immoo ibsa galgala kana baaseen,
“Haleellaan Masjiidota Niwziilaand irratti raawwatame kan Jibbiinsaa Islamummaa irratti hundaayee fi gocha Shororkeessummaati” jechuun balaaleeffate.

4 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button