header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Iraan haleellaan ganama har’aa buufataalee waraana Ameerikaa irratti raawwatte gahaa miti jette

Iiraan haleellaa ganama har’aa buufataalee waraana Ameerikaa lama irratti raawwattee ilaalchisee ibsa kenniteen, tarkaanfiin haaloo bahuu kun gahaa miti jette. Hogganaan ol’aanaan biyyatti Ayatollah Ali Khomini ibsa gama Televizhiinaatiin kenneen, “haleellaa ganama har’aa buufata waranaa Ameerikaa iraaq keessatti argamu irratti fudhatameen, Ameerikaa fuula keessa kaballee jirra”jedhe. Ali Khomini tarkaanfiin kun gahaa akka hin tahin ibsuun, hanga waraanni Ameerikaa baha jiddu galeessaa keessaa bahutti humni waraana Iraan tarkaanfii kana irra cimaa ni fudhata jechuun dhaadate.

Haaluma wal fakkaatuun Waraanni Eeggumsa Rippaalikii Iraan IRG jedhamu ibsa baaseen, Ameerikaan haleellaa ganama kanaa haaloo bahuuf yoo kan yaaltu tahe, magaalota biyyoota michuu Ameerikaa naannichatti argaman kan rukutu tahuu akeekkachiise. Akeekkachiisni gama Ejensii Odeeyfannoo Iiraan IRNA jedhamuutiin bahe kun, “biyyoonni michuu Ameerikaa naannichatti argamtan Iiraan akka rukutamtu buufataalee biyya keessanii yoo kan hayyamtan tahe, adabbii cimaatu isin eeggata”jedhe. Dabalataanis waraanni Iiraan magaalaa Emreets, Dubaayi fi magaalaa Israa’el Haifa jedhamtu kan rukutuu malu tahuu akeekkachiise.

Gama biraatiin ammoo waajjirri Ittisa Ameerikaa Iiraan buufataalee waraana isii Misaa’ila Baalastikiin haleeluu kan mirkaneesse yoo tahu, midhaa dhaqqabe ilaalchisee hanga ammaatti wanti ibsame hin jiru. Prezdaant Traamp dhimmicha irratti Arba’aa har’aa ibsa ni kenna jedhamee eeggama.

Odeeyfannoo birootiin ammoo Xiyyarri Yukreen tokko ganama har’aa qarqara magaalaa guddoo Iraan keessatti kufuun lubbuun nama 176 kan dabre tahuun beekamee jira. Iiraan xiyyaarichi buufata magaalaa Tehraan irraa eega ka’ee booda rakkoo teeknikaatiin kufuu ibsite. Yukreen gama isitiin sababni balaa kanaa gadi fageenyaan kan qoratamu tahuu beeksiste.

Haleellaa Iiraan

One Comment

  1. yaniikiyaa waa,emasjjidatiinwalqabbata. itti ansudhan yalkamtonii gadiifaggenyan qoratamuuqab. motuumaan nano amaara Amantadhaanwalliiti umataabuduu barbbadajiraa want a,eef to,aanaa seraa jallaoluuqabaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button