header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hoggantoonni Majliisa Federaalaa fi Oromiyaa mootummaa irraa komii cimaa kan qaban tahuu ibsan

Waltajjii marii Ministeerri Nageenyaa fi Gamtaan Dhaabbilee Amantii dhiheenya geggeesse irratti, hoggantoonni Majliisa federaalaa fi Majliisa Oromiyaa mootummaa irraa komii cimaa kan qaban tahuu ibsan. Haaluma kanaan Majliisa Federaalaa irraa Dr. Jeeylaan Khadiir, mootummaa irraa komii heddu akka qabanii fi keessumattuu haleellaa dhiheenya magaalaa Mooxaatti masjiidota irratti raawwatame hordofuun, gaaffilee hawaasni muslimaa dhiheeffateef mootummaan deebisaa kennuufii dhabuun hawaasa muslimaa guutuu gaddisiisee jira jedhan.

Barreessaan Boordii Majliisa Federaalaa Haajii Kamaal Haaruun gama isaatiin haleellaa Masjiidota Mooxaa irratti raawwatame ilaalchisee, ijjannoo mootummaa naannoo Amaaraa ifatti kan balaaleffate tahuun beekamee jira. Haaji Kamaal akka jedhetti, mootummaa naannichaa keessa qaamonni kaayyoo dhoksaa qaban yakka sukkanneessaa Muslimoota irratti raawwatame dhoksuuf odeeyfannoo dharaa facaasaa jiraachuu ibse.

Haaji Kamaal itti dabaluudhaanis “gochi magaalaa Mooxaa Muslimoota magaaalattii keessaa baasuuf itti yaadamee karooraan kan raawwatame tahee osoo jiru, mootummaan furmaata barbaaduu dhiisee qaama rakkoo uumu tahuun irra hin turre, akkasumas miidiyaaleen mootummaa fi kanneen birootis dhugaa dhoksuuf gabaasa sirrii hin tahin dhiheessaa turan”jechuun qeeqe.

Qondaaltonni Majliisa Federaalaa haaluma walfakkatuun dhaabbilee amantootaa irrattis komii kan kaasan yoo tahu, keessumattuu hordoftoonni amantaa biroo qe’ee isaanii irratti iddoo awwaalchaa dhoorkatamanii mirgi namoomaa yemmuu sarbamu, abbootiin amantaa hordoftoota isaanii amansiisuun rakkoo kana furuu irra usanii ilaaluun sirrii miti jedhan.

Prezdaantiin Majliisa Naannoo Oromiyaa Sheikh Hajjii Ibraahima gama isaaniitiin, “Abbootiin amantaa waltajjii mootummaan qopheessuu haasaya bareedaan hoo’isuuf qofa irratti hirmaachuu hin qabnu; rakkoolee hoggantoota amantaa biratti mul’atus tahee kan mootummaa irraa mul’atu ifatti walitti himuu qabna; nuti gama keenyaan qaama kamiinuu gammachiisuuf jecha dhugaa hin dhoksinu”jechuu isaanii odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button