header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Baqattoonni Itoophiyaa biyya Liibiyaatti argaman, dhaabbanni UNHCR addatti dhiibbaa nurratti godhaa jira jedhan

Baqattootni Ityoophiyaa, biyya Liibiyaa Kaampii magaalaa Tiripoolii gara garaatti to’annaa hidhattootaa jalatti, kolugaltummaan jiraataan, lola hamaa mootummaa Liibiyaa fi hidhattoota biyyattii jidduu jiru hordofuun, sodaa hamaa keessa jiraatuu himan.

Baqattoonni kunneen, gama dhaabbata UNCHR irraa biyyi 3ffaan kan qubatanii nagayaan itti hojjechuu dandahan akka kennamuuf eeggataa jiran.

Garuu abdiin isaan qaban shiraan badaa jiraachuu komatan. Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti, ejensiin baqattootaa UNHCR heera-malee addatti dhiibbaa isaan irratti godhaa jiraatuu dubbatan.

Baqataan Oromoo bara 2016 keessa Suudaan irraa gara Libiyaatti deemuun, yeroo ammaa Kaampii magaalaa guddoo Libiyaa Tiripoolii toora Sikkaa jedhamuutti argamu
“UNHCR baqattoota Itoophiyaa, kan biyyoota birootin addatti nu ilaala. Nutis akkuma baqattoota biyya biroo, biyya lolli keessatti hammaate keessa waliin jirra. Haata’uu malee, akka waan dhiibbaan mootummaa Itoophiyaa irraa godhamu jiruutti baqattoota biyyoota biroo irraa addatti midhamaa jira”jedhe.

Lola Liibiyaa keessatti hammaataa dhufe hordofuun UNHCR dabalatee, Dhaabbileen gargaarsa baqattoota irratti hojjatan hedduun, Liibiyaa lakkisanii bahuun, deeggarsi baqattootaaf godhamu hundi karaa hidhattoota mootummaa magaalaa Tiripoolii to’ataniin kan godhamu tahuu ibsan. Kana malees Poolisootaanis dararaan kan irra gahaa jirtu tahuu dubbatan.

Baqattootni kunneen “Jaarmiyaaleen Hawaasa Oromoo fi qaamni dhimmi kun ilaallatu, biyyoota Ameerikaa fi Awurooppaatti argaman, rakkoo keenya hubatanii akka lubbuu keenya baraaran gaafanna” jedhan.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button