header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Hoggantoonni biyyoota gara garaa kora Gamtaa Afrikaa irratti hirmaatuuf Finfinnee seenaa jiran

Korri hoggantoota Biyyoota Gamtaa Afrikaa 33ffaan mata duree “Sagalee Qawwee Ukkaamsuu”jedhuun, Alhada boruu irraa eegalee guyyoota lamaaf Finfinnee keessatti gaggeeffama. Haaluma kanaan Yaa’ii kora Gamtaa Afrikaa bara kanaa irratti hirmaachuuf, hoggantoonni biyyoota hedduu guyyaa kaleessaa irraa jalqabee Finfinnee seenaa jiran.

Hoggantoota Biyyootaa Afrikaa hanga ammaatti Finfinnee seenan Jidduu Prezdaantonni Afrikaa Kibbaa, Jibuutii fi Naayjeeriyaa keessatti argamu.

Hoggantoota biyyoota Afrikaatiin alattis Muummichi Ministeera Kaanaadaa Justin Trudeau, Muummittiin Ministeera Norweey Erna Solberg fi Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez Finfinnee kan seenan yoo tahu, Muummicha Ministeera Kaanaadaa guyyaa har’aa gita isaa muummicha ministeera Dr. Abiy Ahmad waliin mari’achuu gabaafame. Haata’u malee xiyyafannoon marii hoggantootaa lamaanii maal akka tahe hin ibsamne.

Odeeyfannoo birootiin ammoo kora Gamtaa Afrikaa cinatti hoggantoota Masri fi Suudaan waliin dhimma laga Abbaay irratti marii geggeessuuf Ityoophiyaan xalayaan kan gaafatte tahuun beekamee jira. Masri yeroo ammaa angoo dura bu’ummaa Gamtaa Afrikaa kan harkaa qabdu yoo tahu, Prezdaant Abdulfattaah Al-Siisii kora guyyaa boruu jalqabamu kan hoogganu taha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button