header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaAwustraaliyaaEeshiyaaOdeeyfannooUSA

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Dhibeen Vaayirasii Koroonaa Chaayinaan ala biyyoota biroo keessatti saffisaan babal’ataa jiraatuu akeekkachiise

Dayirektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa(WHO) Dr. Teedroos Adhaanom Jum’aa kaleessaa ibsa kenneen, “Chaayinaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasichaan haarayatti qabaman hir’ataa kan jiru tahus, dhibeen kun biyyoota biroo keessatti ammoo saffisaan babal’ataa jira”jechuun akeekkachiise. WHO’n akka jedhutti vaayirasichi keessumattuu biyyoota Baha Eeshiyaa fi Baha jiddu galaa keessatti too’annaan ala bahaa jira.

Haaluma kanaan Kooriyaa Kibbaa keessatti namoota kanaan dura Vayirasichi irratti argamuun mirkanaaheen ala, guyyaa tokkotti harayatti namoota 87 irratti kan argame yoo tahu, walumaa galatti biyyattii keessatti namoonni dhibee kanaan qabaman 433 dhaqqabuu mootummaan biyyattii beeksisan. Qondaaltonni fayyaa Kooriyaa Kibbaa akka jedhanitti, namootni Vayirasii Koroonaatiin haaraya qabaman jidduu walakkaa ol, magaalaa Deeguu jedhamtu keessatti namoota sirna amantaa Bataskaana tokko irratti hirmaataniin kan wal qabatu tahuu ibsan.

Haaluma wal fakkaatuun Vayirasichi lammiilee Jaappaan 93 irratti argamuu kan mirkanaahe yoo tahu, dabalataanis Markaba Jaappaan Turistoota biyyoota adda addaa fe’atte takka irratti sakkatta’iinsa godhameen, namni 634 vaayirasichaan qabamuu ibsame. Irra hedduun namoota Markabattii keessa turanii lammiilee Jaappaan tahuus ibsame.

Naannawa Addunyaa Vayirasichi haala yaaddessaa taheen saffisaan keessatti babal’ataa jiru kan biroo ammoo biyyoota Baha Jiddu galeessatti. Haaluma kanaan Israa’el, Iraan, Lubnaan fi Emreets Vayirasichi biyya isaanii keessatti argamuu mirkaneessanii jiru. Biyyoota Kaaba Afrikaa keessaa ammoo Masri keessatti namni tokko Vayirasichaan qabame jira. Keessumatti mootummaan Iiraan guyyaa afur dura February 19/2020 namoonni lama dhibee kanaan du’uu eega ibsee booda, dabalataan February 22, 2020 namni biroo sadi du’uu fi kanneen biroo 28 ammoo Vayirasichaan qabamuu ibse.

Waluma galatti hanga February 22, 2020 biyyoonni Addunyaa Vayirasichi namoota heddu irratti argamuu mirkaneessan: Chaayinaa 76,300, Kooriyaa Kibbaa 433, Jaappaan 96 ol, akkasumas Markaba Jaappaan irratti namoonni 634, Singaapor 86, Taayilaand 35, Ameerikaa 26, Taayiwan 24, Maleezhiyaa 22, Iiraan 18, Xaaliyaan 17, Germany 16, Vietnam 16 akkasumas Faransaay namoota 12 irratti argamuu mirkaneessanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button