header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Xiyyaaronni Waraana Mootummaa Suuriyaa haleellaa raawwataniin loltoonni Turkiyaa 33 ajjeefamuu gabaafame

Waranni mootummaa Suuriyaa michuu isaa Raashiyaan deeggaramuun duula kutaa Idlib keessatti jalqabe itti fufuun, halkan kaleessaa haleellaa xiyyaaraan raawwataniin loltoonni Turkiyaa 33 kan ajjeefaman tahuu gabaafame. Kanuma hordofuun Turkiyaan kallattiidhaan loltoota mootummaa Suuriyaa kan haleelaa jirtu tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Haaluma kanaan waraanni Turkiyaa lafoo fi qilleensa irraan tarkaanfii haaloo bahuu fudhataa jiruun, yoo xiqqaate loltoonni mootummaa Suuriyaa 300 ol ajjeefamuu beeksise. Haata’u malee hanga ammaatti mootummaan Suuriyaa miidhaa waraana isaa irra gahe hin ibsine.

Mootummaan Raashiyaa walitti bu’iinsi Suuriyaa fi Turkiyaa jiddutti hammaataa dhufe yaaddessaa tahuu ibsuun, haala naannawa Idlib keessa jiru hatattamaan tasgabbeessuuf gama lamaan waliinuu kan mari’ataa jiru tahu beeksise. Ministeerri Ittis Raashiyaa ibsa baaseen, loltoonni Turkiyaa finciltoota Suuriyaa waliin hiriiruu isaanii odeeyfannoo tokkollee kan hin argatin tahuu ibsuun, haleellaa xiyyaaronni mootummaa Suuriyaa raawwataniin ajjeefamuu amanee jira.

Ministeerri haajaa Raashiyaa Sarjee Laavrov booda irra ibsa kenneen ammoo, ajjeechaa loltoota Turkiyaa ilaalchisee prezdaant Erdogaan fi Putin bilbilaan kan mari’atan tahuu ibse. Lavrov akka jedhetti, hoggantoonni lamaan walii galtee kanaan duraa irratti hundaayuun haalli naannawa Idlib keessa jiru akkaataa tasgabbaayuu irratti waliin hojjachuuf walii galuu isaaniiibse.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button