header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Prezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afaworqii daaw’annaa hujiitiif Somaaliyaa seene

Prezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afaworqii khamisa har’aa daaw’annaa hujiitiif Somaaliyaa magaalaa Maqdishoo kan seene tahuun beekamee jira. Ministeerri haajaa alaa Eertiraa Yamaane Gabra-Masqal akka jedhetti, Prezdaant Isaayyaas affeerraa gita isaa prezdaant Muhammad Abdullaahii Farmaajoo irraa dhihaateen gara Somaaliyaa kan imale tahuu ibse. Prezdaant Isaayyaas haaluma wal fakkaatuun gara Keeniyaatti imaluudhaan Prezdaant Uhuuruu Keeniyaataa waliin ni mari’ata jedhamee eegama.

 

Hoggantoonni Ityoophiyaa, Eertiraa fi Somaaliyaa hariiroo isaanii cimsuudhaaf kanaan dura Asmaraa keessatti walii galtee kan mallatteessan yoo tahu,  ji’a dabre keessa ammoo hoggantoonni sadeen Ityoophiyaa keessatti marii geggeessuun isaanii ni yaadatama.

Isaayyaas Somaaliyaa yeroo seenetti

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button