header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Muummicha Ministeeraa Suudaan irratti Yaaliin ajjeechaa raawwatame

Fincila ummanni Suudaan waggaa dabre keessa kaase hordofuun, Prezidaantiin duraanii Umar Hasan Al Bashiir , aangoo irraa eegaa kaafamee booda, Dr Abdallaah Hamdook muummicha misteeraa tahuun biyyatti akka hoogganuuf muudamuun ni yaadatama.
Ganama har’aatis MM Abdallaah Hamdook irratti yaaliin ajjeechaa raawwatamuu miidiyaaleen biyyattii gabaasan.

Aggaammiin ajjeechaa kun riqicha Kobar jedhamu, kan Kaaba magaalaa Kaartuumii fi jidduu gala magaalaatti kan waajjirri muummicha ministeeraa itti argamu wal qunnamsiisu irratti, boombiin kan raawwatame yoo tahu, miidhaan gahe kan hin jire tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

haleellaan kun yeroo muummichi ministeeraa gara waajjira isaa deemaa tureetti raawwatame jechuun hojjatoonni waajjira muummicha ministeeraa Aljaaziiraaf himan.

Dr, Abdallaah Hamdook haleellaa raawwatame booda fula twitter isaa irratti “Uummata Suudaaniif nagaya qabachuu kiyyaa fi haala gaarii keessa jiraatuu kiyya ibsuuf barbaada”jedhe.

Dayreekterri waajjira MM Sudaan Alii Bakiitti, haleellaa kanaan namni miidhame hin jiru jechuun fula fesbuka isaa irratti barreese.

Ministeerri odeeyfannoo biyyattii Fayisal Saalii gama isaatiin, gochi raawwatame “haleellaa shororkeessummaati”jedhe, Akkasumas eenyu akka raawwate qorannoon eegalamuu ibse.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button