header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Ibsa Ijjannoo walga’ii Mana Marii Ulamoota Majlisa Oromiyaa galma aadaa Oromootti geggeeffamee

1.Nageenya biyyaafi lammii eegsisuun dirqama nama hundaati. Kanaafuu akka ummanni Muslimaa hunduu nageenyaafi tasgabbii eegsisuu irratti hirmaatu waamicha keenya dabarsina.

  1. Muslimoonni hunduu obbolaadha. Muslima shahaadataynii jedhe kamuu yoo ulaagaa guuttatee, ulaagaa guuttachuu kanas muftiiwwan gurguddoon mirkaneessan malee kafarsiisuun gonkuma hin eeyyamamu.
  2. Muslimoonni maqaa adda addaa walitti baasuun waan sharii’aan dhorge irraayyi. Maqaa xinneenyaatiin wal hin waaminaa jechuun ajaja Rabbii guddaati. Muslimoota garii achi baasuun, isaan qoqooduun, wal dhabsiisuun hin eeyyamamu. Gareefi cifraan wal qooduun waan Muslimoota dadhabsiisuufi humna isaan dhabsiisu waan ta’eef gonkumaa hin barbaachisu.
  3. Dhimmootii gurguddoofi murteessoo ta’an irratti muftiilee gurguddoo Manni Marii walii gala Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaafi Godinaalee filatan malee barataan sharii’aa fatwaa gochuun hin eeyyamamu.
  4. Humnaan masjidatti roorrisuun, imaamaafi koreelee jijjiiruun waan wal dhabbii uumuudha. Kanaafuu yoo seera guuttate malee koreefi imaamotii duraan turan jijjiiruu irraa ni akeekkachiifna.
  5. Ulamoonni hunduu masjinni kan Rabbii ta’uu waliif galaniiru. Masjinni kan garee ykn jamaa’aa wahiitii miti. Kanaafuu Muslimoonni hunduu imaama masjidaatti hidhatanii salaatuu qabu. Masjida keessatti garee uumuun hin eeyyamamu.
  6. Taatee naannoo Tigraayitti Masjida Najaashii irratti raawwatame jabeessinee mormina. Akka mootummaan sirriitti qoratee ummataaf ibsuufi yakkamtoota seeraaf dhiheessu ni gaafanna. Akkasumas masjidicha bifa seera hambaalee eegeen haaromsuufi kana booda eegumsi ga’aan akka godhamuuf ni gaafanna.
  7. Lammiilee keenya biyya alaatti, keessumaa Su’uudii Arabiyaatti mana hidhaa keessatti dararamaa jiran mootummaan xiyyeeffannaa ga’aa kenneefii akka lubbuu isaanii baraaree nageenyaan biyya isaaniitti deebisu gaafanna.
  8. Ijaarsi jireenya hawaasa tokkoo keessatti qabxii murteessaadha. Kanaafuu majlisni Oromiyaa qabsoo guddaa waggaa tokkoofi walakkaa taasiseen ijaarsa sadarkaa masjidaatiin ga’ee jira. Ijaarsa kana hawaasa ballaa keessatti lafa qabsiisuuf immoo aangoo, beekumsa ykn dandeettiifi qabeenya ga’aa barbaachisa. Majlisni aangoo guutuufi namoota beekumsaafi ga’umsa qabaniin hanga masjidaatti diriirfameera. Qabeenya argamsiisuu irrattis akka hojjatamu waamicha goona.
  9. Akkuma beekamu qabeenyi ummata ijaaruu keessatti lafee dugdaati. Majlisni Oromiyaa immoo qabeenya xiqqoodhaan qabsoo dheeraa godhee hanga kana ijaare. Har’aa kaasee sassaabbiin galii yaa’iin walii galaa murteesse akka jalqabamu labsineerra. Kanaafuu Muslimoonni hunduu miseensa masjida ollaa isaaniitti argamuu ta’uudhaan labsii kanarratti hirmaatanii dirqama isaanii akka ba’atan, akkasumas buusii yaa’iin walii galaa murteesses buusuudhaan majlisa isaanii sadarkaa hundarratti argamu bira akka dhaabbatan waamicha dabarsina.

Ammaajji/2021
Finfinnee

13 Comments

  1. raabbiin yaadaa muraadaa keessaan isiin haa gahuu waallaahii mashaallaah yaa ummaataa musliim

  2. 🥀🥀🥀🥀🌹🌹🌹🌹

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button