header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Paartiin Kongiresii Federaalawa Oromoo Mootummaan uggura Interneetii akka kaasu gaafate

Paartiin Kongiresii Federaalawaa Oromoo ibsa baaseen ittisa weerara dhibee Koroonaatiif jecha, Lixa Oromiyaa keessatti Intarneetni adda citee ture akka deebi’uu fi hidhamtootnis akka hiikaman gaafate.
KFO’n ibsa Arba’aa har’aa baaseen, tamsa’ina Vayirasii koroonaa Ityoophiyaa keessatti namoota 6 irratti mul’ate ittisuuf tarkaanfii mootummaan fudhataa jiru kan dinqisiifatu tahuu ibsuun, “Bifa faallaa kanaatiin ammoo Oromiyaa gara lixaa irraa networkiin wal qunnamtii cufamee waan jiruuf, lammiileen weerara kana quba kan hin qabne ta’uun guddoo nu yaaddesssa” jedhe.

Haaluma kanaan KFO’n qabxiilee sadii irratti hojii mootummaa fi dhaabbileen siyaasaa hojjechuu qabuu jedhe tarreesee jira.
1. Lammiileen dhibee hamaa kana si’aayinaan akka ofirraa eeggatan mootummaan Ityoophiyaa intarneeta cufe ariitiin deebisee akka banu.
2. Hidhamtoonni sababa siyaasaatiin jumlaan walitti kuufamanii buufata Poolisi, manneen hidhaa fi mooraa leenjii jiran gadi dhiifamanii mana isaanii ta’aanii of eegannoo akka godhan.
3. Jaarmiyaaleen siyaasaa, qaamotiin adda addaa carraaqqii karaa hundaan godhuun weerara dhukkuba kanaa ofirraa dabarsuu irratti tumsa barbaachisu akka goonu dhaamnaa jedhe.
Haaluma wal fakkaatuun Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa fi dhaabbileen biroonis weerara COVID-19 ittisuuf walqunnamtiin odeeyfannoo barbaachisaa tahuu ibsuun, tajaajilli qunnamtii gama Intarneetaa Lixa Oromiyaa keessatti cufamee jiru akka deebi’u mootummaa Ityoophiyaa gaafataa jiran.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button