header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Bataskaanota Kaatolikii Biritaaniyaatti argamanitti yakki gudeeddaa Kuma hedduutti lakkaawamu raawwatamuun gabaafame

Dhaabbanni The Independent Inquiry into Child Sexual Abuse(IICSA) jedhamu kan haleellaa fi gudeeddaa saalaa ijjoolee irratti raawwatamu falmu gabaasa baaseen, manneen Amantaa Kaatoolikii Ingiliz fi Weels keessatti gudeeddaan raawwatamuu saaxile.

Dhaabbatichi, hoggantooni Bataskaanoota kanaa kabajaa fi maqaa ofii isaanii eegsisuuf jecha, gudeeddaa fi haleellaa saala irratti xiyyeeffatuun ijjoollee umriin isaanii qunnamtii saalaaf hin gahin irratti raawwatamu dhaabsisuu hin dandeenye jechuun qeeqe.

Dhaabbatichi, bara 1970 kaasee hanga 2015 yeroo jiru keessaatti, Qeessoota, Monoksoota, tajaajiltootaafi hoggantoota amantaa Bataskaanoota Kaatoolikii Biritaaniyaa keessatti argaman irratti, yakki gudeeddaa saalaa ijjoolee raawwatame 3,000 olitti tilmaamamuu ibse. Himannaan gudeeddaa Biiroo hedduu irratti dhiyaatuus kaase.

Namoota kana jidduu immoo 177 irratti Abbaan alangaa himannaa dhiheessuun, isaan keessaa 133 yakkamtoota jedhamanii adabaman. Bataskaanichi miidhamtootaaf gummaa Doolaara Miliyoonaan lakkaawamu kafaluu gabaasni kun mul’isa.

Dabalataanis bara 2016 irraa kaase waggatti yoo diqqaate himannaan yakka gudeeddaa saalaa 100 ol Bataskaanota Kaatoolikii Roomaa keessatti raawwatamuun dhagahame. Lakkoofsi yakka raawwatamee kanaa ol tahuus mala jedha gabaasichi.

Hogganaan Bataskaanoota Kaatolikii Ingiliiz fi Weels Kaardinaal Vinseenst Nikoolaas, bara 2018 yakka gudeeddaa saalaa Bataskaanoota biyyoota lamaanii keessatti raawwatameetti gaddi kan itti dhagahame tahuu ibse. Ifatti dhiifamaas gaafatee ture. Alhada dabre immoo aangoo lakkisuuf xalayaa galfatee jira. Haa ta’u malee fudhatama hin arganne.

Kaardinaal Vinseenst Nikoolaas

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button