header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dhimma Dhibee Vayirasii Koroonaa ilaalchisee Fatwaa Mana Maree Ulamoota Ityoophiyaa irraa kenname

1.Namni Vayirasii Koroonaatiin qabame yookaan ammoo Vayirasichaan qabamuun isaa shakkame kamiyyuu, Salaata Jum’aatis ta’ee salaata Jama’aa salaatuuf, yookaan Barnoota Diiniitiif gara Masaajidaa yookaan ammoo iddoo namni heddu itti walitti qabamu dhaquun dhoorkaadha.
2.Namni Muslimaa kamiyyuu yeroo dhibeen kun haala sodaachisaa irra gahe kana keessatti Salaata Jum’aatis tahee kan Jama’aa irraa hafuun Shari’atti hayyamamaadha. Namni Kamiyyuu mana isaatti salaatuu ni danda’a.
3.Gorsaa fi Qajeelfama Dhaabbileen Fayyaa fi qaama dhimmi ilaallatu irraa kennamu fudhatanii hojii irra oolchuun dirqama amantaati.
4.Imaamonni Masjidaa, Ulamoonni fi Du’aatonni hawaasni Muslimaa gara Rabbii isaa deebi’ee araarama akka kadhatu; Sadaqaa akka kennatu akkasumas Du’aa’ii akka godhatu akka barsiistan isin gaafanna.
Allaah (S.W.) Dhukkuba kana akka nurraa kaasu; Biyya keennaa fi Ummata keenna hamtuu hunda irraa akka nuuf tiksu kadhanna.

Fatawaa

5 Comments

  1. As wr wb kabajamtota fi jalatamtotaa kenaa bakumaa jirtaniti du aayii jabesaa me rabbii nuraa ha debisuu badin kenaa lakayani hin dhumatuu rabbii hundaa dandadhaa inshaaAllh inshaaAllh garuu du,aayii olomoataa kenaa bayee lafadhaa du,ayii godhuu qabuu calisumiti iinshaaAllh

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button